YOO HOJJETAAN IMMIGIREESHINII ISIN QABE MAAL GOCHUU AKKA DANDEESSAN (UKBA)

Yoo hojjetaan dhaabbata UK Border Agency ykn poolisiin daandii irratti
qabee waa’ee dhimma hayyama jireenyaa keessan isin gaafate:

- Gaaffii kamiin iyyuu deebisuuf dirqama hin qabdan.

- Maqaa fi teessoo keessan itti himuuf dirqama hin qabdan.

- Dubbachuuf fedha ykn dirqama akka hin qabne itti himaa.

- Amala tolummaan ofittummaa qabaadhaa.
- Itti dhiistanii adeemuu dandeessu.

Sababa gosummaa ykn lammummaa keessaniif jecha isin qabu ykn dhaabu hin danda’an. Yoo sababa quubsaa qabaatan qofa isin dhaabuu danda’u.

Yoo isaan sababa bifa keessanii ykn sababa afaan keessan dubbattaniif jecha isin dhaaban, akkana ittiin jedhaa:

“Kun jibbiinsa”. “Kun seera miti”. “Nan himadha/iyyadha”.

Language: